Balaliirratti fardi dallaa keessaa miliqnaan xiyyaarri ofirraa deebi’ee qubachuuf dirqame

fardeen xiyyaara irratti fe'aman

Madda suuraa, Getty Images

Xiyyaarri kaargoo (fe’uumsaa) Boeing 747 utuu balaliirra jiruu fardi fe’amee ture dallaasaa keessaa miliquun jeequmsa uumnaan xiyyaarichi ofirra deebi’ee qubachuuf dirqameera.

Xiyyaarri kun Niw Yoorkirraa gara Beeljiyeemitti imalaa kan ture ta’us, yeroo fardi kun miliqutti balalii eegalee daqiiqa 90 ta’u keessatti ofirra deebi’eera.

Sagalee to’annoo tiraafika qilleensaan waraabamee irratti yommuu balaliisaan (paayileetiin) : “Xiyyaaricharra farda feenee jirra. Fardichi miliqeera,” jedhu ni dhaga’ama

“Fardicha deebisnee to’achuu hin dandeenye.”

Daandii Qilleensaa Air Atlanta Icelandic 4592 balaliisaa kan ture paayiletiin kun xiyyaarichi nagaa ta’us, fardichi miliquunsaa garuu yaaddoo akka ta’e hime.

Sana booda yommuu xiyyaarichi deebi’ee Buufata Xiyyaaraa Idil-Adduyaa John F Kennedy yeroo qubatutti oggeessi fayyaa beeyladaa akka achitti isan eeguuf gaafateera.

Taatee Kamisa darbe uumame kanaan akkamiin fardi kun akka dallaasaa keesssaa itti miliqe ammallee ifa miti, ta’us yommuu xiyyaarichi deebi’ee qubatu hidhamee ture.

Balaliin kun guyyaama sana deebi’ee balali'uu eegalee, Jimaata ganama buufata xiyyaaraa Liij, Beeljiyeem qaqqabuu isaa, FlightRadar24 ni ibsa.

Daandiin Qilleensaa Air Atlanta Icelandic dhimma kana irratti akka yaada keennuuf gaaffii BBCrraa dhiyaateef deebii hin kennine.

Fardi kun maliif akka xiyyaaraan geessamaa tures ammatti hin beekamu.

Sababni baramaa tokko fardeen dorgommii geejjibsiisuudha, akka ogeessonni jedhanitti.

Yeroo imalaatti kutaa [konteenara] turtii fardeen kun keessa turfaman bal’ina isaanii irratti hundaa’uun garaagarummaa akka qabu maddeen CNN’tti himaniiru.

Balalii irratti bineensi yemmuu kutaa isaa keessaa miliqu taateen torban darbe isa jalqabaa miti.

Hagayya darbe balalii Iraqi Airways Dubaay irraa gara Baagdaad imalaa turee irratti bineensi beer jedhamu kutaa isaa keessaa miliquu AP gabaaseera.